25 episodes

Kuunii sagalee abbaa alangaa godina jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm WAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Jimmaa Attorney FM jechuun search goochun Sagalee Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu.
ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ።
Jimma Attorney FM is a podcasting service.

Hpelsocio Podcast Hasen Mh Hassen

    • Business
    • 5.0 • 1 Rating

Kuunii sagalee abbaa alangaa godina jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm WAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Jimmaa Attorney FM jechuun search goochun Sagalee Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu.
ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ።
Jimma Attorney FM is a podcasting service.

    Tofik

    Tofik

    under hpel


    ---

    Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

    • 6 min
    Olmaa dhadachaa

    Olmaa dhadachaa

    Irraa Haa Barannuu.
    -----⚖️====
    godina jimmaa bulchinsa magaalaa jimmaa ganda mantinnaa iddoo addaa bufata xiyyaaraa abbaa jifaarittii mooraan isaa eggumsaaf jecha meshaa gatii qaalii taen nageenya xiyyaara qubatuufii balali'uf jecha akkasumas nagenya waa maraa dhabbatich kessattii argamuuf kan taasifamuuf turee. Haa ta'u malee himatamaan maqaan isaa Sabsiboo Tijjaanii AbbaaGiddii jedhamuu
    Gaafa guyyaa bitotessa 29 bara 2015 halkan keessaa sa'atii 10:00 yommuu ta'u sibila dallaa angil ayiranii jedhamuu bay'innii isaa lama ta'e tilmaama qarshii kuma kudhan baasuu qabenyummaan isaa kan bufata xiyyaaraa abbaa jifaar ta'e iddoo dhaabbatee buqqifatee deemee. Namnii kuni sibila kana haatee fudhachuun sharaadhaan erga maree booda gurguruudhaaf yommuu deemuu qaamoolee nageenyaatiin harkaaf harkattii qabamee erga irrattii qulqullaa'een booda himata waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin mana murtii ol'aanaa godina jimmaattii gaafa ebla 15 2015 himatamaa kana irrattii dhihaateen himatamaan seera yakkaa bara 1996 bahee kewwata 669 (3)b irra darbuun badhaadhina hin mallee arggachuuf jecha yakka haannaa cimaa rawwateen himatamee. Haaluma kanaan himatamaan mana murtii ol'aana godina jimmaa dhihaatee enyummaan isaa erga qulqullaa'ee booda yakka ittii himatamee afaan isaaf galuun dubbifameefii mormii sadarkaa duraa kan hin qabnee ta'u erga ibsee booda himannaa dhihaatee irrattii jecha amantaaf waakkii keenneen ani meeshaa jedhamee lafarraa argadhe jedhee waakkatuus ragaa sanadaa fi ragaan namaa abbaa alangaatiin dhihaatee himatamaan yakkicha raawwachuu isaa waan irrattii mirkaneessaniif himatamaan ragaa ittisaa yoo qabaatee akka dhiheeffatuu dhaddacha yakkaa mana murtii ol'aanaa godina jimmaatin ajajamuus himatamaan ragaa ittiisaa kan hinqabnee ta'u waan ibseef mannii murtiichaa dhaddacha caamsaa 7 2015 oleen murtii balleessuummaa fi adabbii yakkamaa fi fakkaattoota isaa barsiisuu hidhaa cimaa woggaa afuriifi ji'a shaniin adabeera.
    Irraa haa barannuu.
    Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa


    ---

    Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

    • 3 min
    Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra

    Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra

    Hordooftootaa fi dhaggeeffattota FM waagj sagantaa kenya har'atin sagantaalee odeffannoo fi sagantaa hubannoo seeraa isin biraan genya sagantaa odeessaaletin Odeessalee kenya har'aatin

    ---

    Waltajjii Leenjii fi Mari Gamaggama Karoora Raawwii Hojii kurmaana 1ffaa waajjira abbaa alangaa godina jimmaa sadaasa sadifii afur guyyoita lamaaf taasifamee haala gaaridhaan golabamuu isaa.

    Himatamaan Birhaanuu abbaa jabal jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa qarsaattii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha saddetiin adabamuu isaa

    Himatamaan Naim   jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa sigimoottii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha jahaan adabamuu isaa isinittii himna nu wajjin turaa jeechaa gara oduu balinnaatti tarraa.

    ---

    Waajjira A/A Godina Jimmaattii Waltajjiin lenjii fi Marii gamagama karooraa raawwii hoojii kurmaana 1ffaa har'a Sadaasa 3 2015 kan jalqabamee yommuu ta'u, sagantaa har'aatin leenjiin hubannoo seeraa abbootii alangaa godina kenyaaf kennamaa jira. Bu'uruma kanaan waaree duura leenjin ijoo Rakkoowwan Qorannaa, Himannaa, Falmii Dhaddachaa fi Komi ol'iyyataan wal qabatee akka godina kenyaattii mudatan adda baasuun lenjii gahaa ta'e abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an Obboo Addisuu Taddasaatin kan kennamee yommuu ta'u dabalataanis Dambii Qajelfama namusa Abbootii Alangaa wal qabatee Abbaa Alangaa Waqjiraa Addunyaatii waree dura kennamee jira. Olmaa waaree boodaatin ammoo Lenjiin Dhimma Qorannaa Yakka malaammaltummaa fi taksi Abbaa alangaa Obboo Lammeessaa Asaffaatin akkasumas lenjiin Qorannaa fi Himannaa yakkoota balaa tiraafikaa irrattii obboo Addisuu Asaffaatin Lenjiin gadi fagaataa ta'ee kennamee, Abbotii Alangaa hirmaattota Waltajjiichaatin mariin ho'aa ta'ee irrattii taasifamee jira. Dhuma irrattis Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an addee Zahaara Muhammedin leenjii waligalaa Karoora RBM irrattii kennamee olmaan har'aa xumura argatee jira.

    Waltajjichi  sadaasa 4 2015 sagantaa leenjii Jecha amantaaf waakkii irrattii hundaa’e murtii balleessummaa kenamuu: seeraafii hojimaata Godina Jimmaa wal bira fidun abbaa alangaa obboo Addisuudhaan kan dhihaatu fi akkasumas gabaasa rawwii kurmaana 1ffaa bara 2015 anaalee shanin kan dhihaatuu yommuu ta'u gabaasa dhihaatee irrattiis Waltajjiin irratti kan mari'atu ta'a. Xumura irrattis kallattiin hojii gara fulduraa ittii gaafatamtuu wajjirichaa addee Zahara Muhammedin kahamee sagantaan waltajjii guyyaa lamaa golabame jira.

    Gara odeeffannoo lammaaffaatii yoommuu tarruu

     

    _____________🏛⚖️🏛--------------------

    Himatamaa Birahaanuu abbaa jabal jedhamuu yakkaa ajjechaa cimaatin addaabbii hiidhaa ciimaa woggaa 18tin adabameera

    Himatamaan Birhanuu A/Jabal jedhamuu yakka ajjechaa cimaa raawwachuu isaatin Mana murtii ol’aanaa Godina jimmaattii himannaan irrattii banamee murtii adabbii hidhaa cimaa woggaa kudhasaddetin adabamee jira. Tarreen himannaa abbaan alangaa godina jimmaa dhihhessanis kan armaan gadii turee

    Himatamaan Birhaanuu Abbaa Jabal jedhamuu seera yakkaa bara 1996 bahee keewwata 539 (1) jala darbuun nama ajjesuuf ittii yaadee gaafa guyyaa 22/12/2014 halkaan keessa tilmaamaan sa'atii 9:00 yommuu ta'u Godina jimmaa aanaa qarsaa sumee naannoo dayyaasaa jedhamuutti midhamaa dhunfaa ol'anaa hayilee jedhamuu waldhabdee duraan qaban haaloo bahaachuf jecha midhamaan bakka rafee jiruuttii gajaraadhaan cicciree ajjesuu isaatiin  yakka ajjechaa cimaatin kana himatamee yommuu ta'u mannii murtii ol'anaa godina jimmaas bitaaf mirga wal-falmisiisuun himatamaan yakka ittiin gimatamee raawwachuu isaa waan mirkaneeffateef murtii balleessuummaa fii murtii adabbii isaafii fakkaattoota isaa barsiisuu danda’u hidhaa cimaa woggaa 18tin adabee jira.

    __

     

    Odeessaa sadaffaatin

    🏛⚖️Murtilee barsiisoo Kurmaana Lammaaffaa keessatrii  murtahaan.⚖️🏛

    ~~🏛⚖️Murtii Barsiisoo lammaffaa⚖️🏛~~

    >>>>🏛⚖️Yakkaa Ajjeechaa Cimaa⚖️🏛
    ______

    ---

    Send in a voice message:

    • 2 hr 27 min
    Sagantaa Yaadanno Artisti kabajamaa kenya Dr Ali Birraa

    Sagantaa Yaadanno Artisti kabajamaa kenya Dr Ali Birraa

    Sagantaan keenya har'aa yaadaannoo Artisrii kabajamaa Dr Ali Birraatiif haa ta'u jechaa sirboota Dr Alii Birraa kan durii fi ammaa isin affeerraa. Tajaajila FM Podcast Wajjira Abbaa Alangaa Goodina Jimmaa. www.waagjfm.mhaagj.org

    ---

    Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

    • 1 hr 23 min
    Sirboota Afaan Oromo Tajaajila Podcaasti FM WAAGJ

    Sirboota Afaan Oromo Tajaajila Podcaasti FM WAAGJ

    Sagantaa yaalii tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa. Siirboota afaan oromoo oromo music

    ---

    Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

    • 33 min
    Tamsaasa FM Podcast WAAGJ kan Fulbana 7/2015. Jimmaa Attorney FM Podcast. የጅማ ዞን አቃቤህግ መ/ቤት FM

    Tamsaasa FM Podcast WAAGJ kan Fulbana 7/2015. Jimmaa Attorney FM Podcast. የጅማ ዞን አቃቤህግ መ/ቤት FM

    Kuni Tajaajila Podcast FM Waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin qophaa'ee tamsaafamu yommuu ta'u, tamsaasa kenya isa har’aatiin odeessaalee dhadachaa wajjiraalee abbaa alangaa aanaa godina jimmaa jalattii murtoo argatan, odeessaallee haala tajaajila waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dabalatee odeeffannoo seeraa addaa addaa kan isin biraan genyu ta'a. Dabalata kanaan qophii addaa kan hubannoo seeraa kessan isinif gabbisu isinif qopheessinee jirraa. Qophilee kenya akka boohartanif jecha sirboota adda addaa jidduu jiddurrattii kan isin affeerruu ta'a. Nu waajjin turun sagantaalee kenyaan boharaa hubannoo seeraa kessaniis gabbifadhaa jennaa. Garee komnikeeshinii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa. Website kenya https://mhaagj.org tajaajila fm waagj https://waagjfm.mhaagj.org barruulee maxxansaafi odeessaalee argachuuf https://www.odeessa.mhaagj.org/hb Ragaa sanadoota kan akka waligaltee fi bakka bu'ummaa waajjira kenyattii mirkanaahan online irraattii baruf http://aagrkhaagjimma.net seeroota addaa addaa bufachuuf https://laws.mhaagj.org

    ---

    Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

    • 17 min

Customer Reviews

5.0 out of 5
1 Rating

1 Rating

Top Podcasts In Business

REAL AF with Andy Frisella
Andy Frisella #100to0
The Dough
Lemonada Media
The Ramsey Show
Ramsey Network
Money Rehab with Nicole Lapin
Money News Network
The Money Mondays
Dan Fleyshman
Most Innovative Companies
Fast Company