Kt #2 Qophii Egeree Oromiyaa Dr. Dagafaa Abdiisaa waliin
Listen now
Description
Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati. Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha. Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya. Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna… Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan  nama jabaa tokko arganne. Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti. Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha. Support the show
More Episodes
[email protected]“ABOn waggoota 50n darban Oromoof Hoomaa hin hojjanne.” Abiy Ahmed akkas jedhe. Dhugaa dhaa? Abiy Ahmed Maalif akkas jedhe? Dhuguma ABOn Oromoof waa hin goonee?Kanaa fi kan kana fakkaatan irratti keessummoota Egeree Oromiyaatu dubbata. Caqasaa. ABOn Oromoof homaa hin...
Published 11/12/24
Published 11/12/24
[email protected] Hayyoota Oromoo (GHO/OIS), Mata-duree “Burjaajii fi Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo: Sirna Badii Impaayeraa if Gahee Qaroo (Elite) Oromoo” jedhu jalatti Seminaara marii qopheessee jira. Sirni koloneeffataa, uummata gabroomfatee hacuuccaa isaa jalatti tiksuuf, tooftaa fi...
Published 10/21/24