#Ep. 3 Dr. Degefa Abdisa's life experience and his contribution to Oromo's struggle for freedom!
Listen now
Description
Egeree OROMIYAA  Dr. Dagafaa waliin Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati. Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha. Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya. Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna… Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan  nama jabaa tokko arganne. Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti. Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha. Support the show
More Episodes
Support the show
Published 04/23/24
Published 04/23/24
Waggaa 11 dura gaafan Walaloo tana sararu akka keesaa baanu abdiin qaba ture.  Haa tahu malee anii fi qaamni koo kuni saranas asumaa wal qoccollaa, Fayyinee wal hin fayyisne, Akka waan jilaatti asumaa lafa dhiinna Ciree gatuuf naafummaan sodaadhee, baadhee deemuufis dalaga wal dhoorre…. Hee...
Published 04/04/24