Yaada Kitaaba J/ Abbaa Caalaa Lataa irratti
Listen now
Description
Kitaaba kana baatii darben ( Fulbaana,2022) dubbisee fixe. Kitaabicha dubbisuu Jalqabnaan dhaabuun hin jiru waan taheef guyyaa lama keessattin xummure. Hunduu bitadhaa dibbbisaan jedha. Qabiyyeen Kitaaba Jaal Abbaa Caalaa kuni seen-gulummoo matayyaa isaanii :- a. Ijoollummaa- hanga barnoota jalqabanii b. Haalaa baruu fi barsiisuu fi didhaalee hanga barnoota xummuranitti argan c . Bara Yunibarsiitii turanii fi hirmaannaa sochii QBO jalqabaa keessatti taasisan d. Duulaa barnootan Arsii deemuu fi muudannoolee achitti turan e. Barnoota xummuruu fi jaarmaa laf-jalaa keessatti qooda fudhachuu f . Qabsoo Qawwee jalqabuuf sochii Dambi Doolloo fi didamnaan imala Dambii Doolloo gara Mattuu – Finfinnee g. Dirree Baha Oromiyaatti bahuu fi taajjabbii haala WBO dirree bahaa keessa ture. Keessatti amala fi dandeettii Jaarraa Abbaa Gaadaa, wareegama Qabsaahota Oromoo ( Wal ajjeechaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas) h. Godaansa sadaffaa ( Baha Oromiyaa ti gara Ijabuutii  i. Ijabuutii gara Sudan deemuu  j. Qabsoo hidhannoof leenjii waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu fi imala gammoojjii Saahel akkasumas turmaata dirree leenjii k. WBO lixa Oromiyaatti gadi dhaabuu hanga bara 1991( cehumsaatti) l. Bara cehumsaa booddee qormaatalee hanga bara 1998 Eritreatti ABOn simatamutti m. Bara 1998- hanga bara 2018 n. 2018 tti Oromiyaatti deebi’uu dhaabaa waliin Wal qabatee qooddannaa miiraa fi taajjabbii haala biyyaa… Waan hunda dura Jaal Abbaa Caalaa Lataa, kitaabicha barreessuu qofaaf osoo hin taanee wareegama hadhooftuu tilmaamuu hin dandeenye saba kanaaf jecha umrii dargaggummaadhaa hanga yeroo hardhaatti baasaa jiraniif galanni dachaa haa tahuuf. Silaas galanni qabsaawaadhaa BILISUMMAA SABAA waan taheef Waaqayyoon umrii dheertuu haa laatufiitii daran sanyiin isaan facaasan margee bargaagee bilchoo tahee nyaatamuu isaa haa arganin jedha. Abbaan Caalaa qabsaawaa qofa osoo hin taanee nama dandeettii barreessuutti ogummaa addaa qabuu dha. Seenaa guddaa waggaa 50tti dhiyaatu haala baayyee gabaabaa, bareedaa fi hawwataa taheen akkasitti dhiyeessuun ogummaa jabduu gaafata. Kanarraa wanti tilmaamuu dandeenyu Abbaan Caalaa dubbisaa jabaa tahuu isaaniti. Nama dubbisutu waan baroo fi dansaa akkasii seenaa xaxaamaa fi dheeraa kitraabni fuulli kumootaan irratti barreeffamu seecca’ee namaaf dhiyeessa. Dhugaa dubbachuuf haalli kitaaba kana itti barreessan waanuma ajaayibaati. Akkumaa isaanuu jedhan seenaa mataa ofii barreessuun waan baayyee ulfaataa keessaa isa duraati. Waayee namaa kuultee kukkultee feetummoo ajeessitee barreessun salphachuu mala, waayee keetii barreessitee namaaf dhiyeessun akkaan ulfaata. Haa tahu malee seenaan Abbaa Caalaa, akkuma mata duree kitaabichaa, ‘Abbaa Caalaa Lataa, Jireenyaa fi Qabsoo ABO’ ti. Waayee ABO kaaftee seenessita taanan, keessafuu kan dirree dhiyaa, akkan kitaaba kana dubbiosetti Abbaa Caalaa osoo hin kaasin seenessuus tahee himuu hin dandeechu. Wareegama hadhooftuu, aarsaa ulfaataa saba Kanaaf baasan. Silaa akka oolmaa isaan saba kanaa oolaniiti Sabni kuni mataatti baata ture. Garuu hamma Sabni keenya hubatutu ammayyuu diqqaa dha waan taheef hanga hunduu hubatutti yeroon ni tura. Haa tahu malee qabsoo kanaaf waan qabsaahonni Oromoo akka J/ Abbaa Caalaa tahan kuni aarsaa duwwaa miti, Arjummaa, gootummaa, sabboonummaa,Oromummaa, obsaa fi qaroomina guddaa dha. Abbaan Caalaa seenaan bara ijollummaa isaanii akka maq-balleessituun olola adda addaa irratti oofuudhaan ilmaan baal-abbataa kan rakkoo takkaa hin garree fi rakkkoonuu maal akka taate hin beekne jedhanii irratti ololan osoo hin taanee kanuma dhala ilmaan qote bulaa Oromoo hedduuti jechuu dandeenya. Yeroon waayee bara ijoollummaa isaanii dubbisu qe’ee dhaloota koon ija yaadan daawwachaa dubbise yoo illee haalli teessuma lafaa fi qilleensi baramaa wal fakkaac Support the show
More Episodes
Support the show
Published 04/23/24
Published 04/23/24
Egeree OROMIYAA  Dr. Dagafaa waliin Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati. Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu...
Published 04/04/24