Poem Daawitii Seenaa2
Listen now
Description
DAAWITII SEENAA LAK. 2 Ni yaadattuu bara sana,bara guyyaan dukkanaa’ee, bara birmadummmaan nu cabuuf jala bultii ta'e, Bara koodeen  koodee ganee, walirratti bobba'e, Gadaan laaffataa dhuufee, namuu gonfoo hawwee haadhoon haadhoo hiddee, akka summii jawwee. Fincaan 3n Tuullamaa,tokko diina kokkee  qabaa, inni kaan taa'ee taajjabaa, Waliif dirmachuu dagatee, alagaaf dhaabbatee Galaan diinan lollaan, Abbichummoo nyaapha filate. kaanis cinaasaatti Macci, xis-ximbaa dhiisee,  Finnasaa walitti qabuun, goojjoosaa hoo'isee, Akka  waan diinni boru boroo hin seennee, nyaaphi yeroo itti eeggachuusaa wallaalee, koodeessaa cabuuf deemuu, cinaa taa'ee ilaale. Dhumaatii Gullaallee fi Suleen booddee, diinni akkaan jajjabaattee, Goobanaan diinatti  michee,  Tufaa Munaayyuu ganee Oggaa suusin xoophiyummaa,  qabuuf miila cirattuu,  Minilikiiif waadaa seenee Qusee Diingdeefaan, faana ofii buusee Diinaf hirkoo tahuun, obbolaan wal cabsee, Abbaa biyyummaan hafee, ormaaf ashakarii ta'ee Inni kaan mataan bu'ee hin jiruu, nama jiraan du'ee Dubbiitiin fala dhabdee, diinni abjuun xiqqaa mitii, Imala isaa hin dhaabnee, lixaa fi kibba lixaattii Of ijaaree, hidhatee  waraanasaa bobbaasee, Inni fagoodhaa kuunnoo jedhan, oggaa kunootti dhiyaatuu, Inni kaan ni lollaaf hin lolluun, godoo keessatti wal nyaatuu, Ni gabbarraaf ni lollaan jirraa walii taa’uu, Walakkaan yoo qolatu walakkaan gabbaruu filaatee,  Diinni garuu manii gahuu qabu beekaa, yoom achitti dhaabbate. IJoolleen Saglan iluu, jarri shanan gibee,  Warri Torban Jaawwii fiixaan Sadeen Liibee, Ijoolleen Kumsaa Morodaa, fiixaan Jootee Tulluu, gaafa diinni godootti dhiyaatee, dhabame waliif galluu, Asii fi achitti nu qoodee, diinni qofa qofaatti nu hiddee, Oggaa Abisheen falmaa murteessee,  Garbaa Addaamus Eeboof gaachana sirreessee, ni lollaan onnee goota kaasuf geerarsa achumammoo cinaatti Qadiidaa annabee,  gantuun lammii keessaaa,  haadhoo gurguratee, gootaa finiinaa san, Habashaan jiraa awwaaltee,  Abishee soogiddaan Mataa dibdee loon  mataa ol arraabsiftee,  Finna Oromoo jabaa san  tuffatamaa gootee Haamilee dhalootaa, qasham kashaa gootee keenyuma yaabbattee, keenyumaan nu nyaatte. Goobanni farda tahee, huddeelamee luugamamee Argaadhaa jaamee,  fakkaattoota isaa waamee...  Oromoon birmadummaan, akkasiin mulqamee, Namummaanuu hirdhatee, mirgisaa sharafmee. Akkam seenaa dagannaa,  akkamiin deebinee, gabrummaa filannaa? Akkamiin abashalli, bara baraa nu  faddalaa, Maal gaafa taanuu, shirrii dhugaa  dhaalaa?  Bara sana bara tokko tokkoon, dabareedhan cabne, Gadaa abdii cittuu dhabnee, nyaapha jalatti kufne. Oggaa ilmaan Sikkoo-mandoo gamasitti dhiiguu,  kaan qubayyuu hin qabuu,hirriiba jabaan muguu. Jaarraa  dacheen wal hanqattee, joolleen Leenjisoo Diigaa,  Abbaa biyyummaaf, reeffi  tuullamee fakkaatu kaakkaa, Gaafa dhiigni ijoollee Arsii, lola'ee fakkaatu yaa'a lagaa Biramannaa dhabee goonnee,  oggaa qe’eensaayyuu barbadaa’uu Oggaa tokko qolatee,  Tokkommoo harkaan boojuu ta’uu birmannaa dhabaaf, gaafa nyaaphni moo'uu,  Hireen teenya takka jechuu wallaalanii,  warri fagoo fi dhihoo taa'anii laalanii diinni booqaa hin qabuu, isumatu achis dhaqee, gootota Oromoo cufa, ajjeessee, dhiigan laaqee Diinni kaayyoo qabaa, Oromoo caccabsee,  Oromiyaa diiguudhaa, saba guddaa gabroomsee, Bada gamtaa dhabaaf, humni keenya qoodamee,  Kunoo gama bahaas, nyaaphi  sardaan itti duulee, ilmaan Ituu, Anniyyaa fi qomoon Arfan Qallloo Joolleen Humbannaa, gaafa lola murrtoo guutoo Gaafa samiin dukkanee, dacheen ittanee gaafa dhaquu malee, galuun abjuu ta’ee Gaafa  calii-calan Support the show
More Episodes
Support the show
Published 04/23/24
Published 04/23/24
Egeree OROMIYAA  Dr. Dagafaa waliin Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati. Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu...
Published 04/04/24