Poem: Here Qaama Koo
Listen now
Description
Waggaa 11 dura gaafan Walaloo tana sararu akka keesaa baanu abdiin qaba ture.  Haa tahu malee anii fi qaamni koo kuni saranas asumaa wal qoccollaa, Fayyinee wal hin fayyisne, Akka waan jilaatti asumaa lafa dhiinna Ciree gatuuf naafummaan sodaadhee, baadhee deemuufis dalaga wal dhoorre…. Hee Qaama koo…. #Qaama Koo! Ani kanan jedhu,  want’n si gaafadhu silaa qaama kooti waa muree sin gatuu harki gaafa fayye, miilatu na nyaataa gaafa miilli fayye, mataat bowwaafataa nattin hafin jedheet, rifeensis kottonfataa qubnillee wal dhiiba waliif hooquu dhiiset, cinaatti wal jibbaa. Dhibee guddaan dhoru utuu ho'ichoon jiruu cittoon isa weeraree, fanxoon gudeeda dhaalee utuma ijaan laaluu, qubni hooqa dhiiset ija na waaraanaa, injiree naa waaddu, moggaatti dhiifatee funyaan na rukkuta, harkis buunyaf, miidhagfatee ilkeetti na gamaa, rigee aannan ayeetuu, fakkeessa jennaan dhabamsuuf aggaama. Quboonni koo, gurraa guurii guuree kan kunuunsuu male kabaallaa natti duucha harkumti koo, qaarutti qiyyaafatee, ilkaan koo miidhaginaaf oolee,  seeqeet gammachiisa jennaan  dubbii dansaafis arraba utubee wal gargaara jennan kunoo akka foonii, kutee na  ciffataa, kaanis maqaa kiyya fuudheet,  caccabsee alaanfata. Arrabni koos tolaa haasawee, waayillan faarsurra haamilee isaanii cira ni araarsa jennaan, hamiin walittisaan dira. Miillii koo fiigee, nyaapha qabuu didee, jilbi koos wal rigee, mudaan muddiin dhiige, qaamni saala kootis, jabaa dhalcha jennaan miceeree walitti buusee Cidhaa lamaan gogsee, sanyii baasa jennaan, bishaan adii jissee wal utuba jennaan, kunoo wal maseensee! Hee qaama koo, egaa akkas tahee nafa taataa moo naafa ? hunda ifirraa ciree akkan sin jijjiirree heera uumatu naan hirree garuu kana booda, garaan mar'umaan tuqnaan kaleen tiruu miinan sombi onnee dhiibnan sammuun kaawwaniif, tika dhiisnan miiroonnis sammuuf, ajajamuu dinnaan, harki miila murraan, qubni funyaan urraan ganaan gurra kaballaan garaachi kalee dhiinnan arrabni hami guddifnaan ilkaan arrabatti roorrifnaan taa'an baata dadhabnaan muunneen xu*ii nyaannan, fagaarri, hoji-idilee dhiifnan cidhaan qu*uu, kabajuu dhiisnan gamtaan sanyii, hoomisha dhiisnan, egereef jechuun, tasuma ni hafa, naafadhees, hin ta'u naafa killicha balleessees, hin jiraadhu lafa. Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya qaama koo qaama koo,  jedhees sin sossobu umrii kee dheeressuf,  abadan sin sobu, naafa ta'ee,  maalifan jibbamaa, qaama hir'uus ta’ee, anis awwaalama killa kiyya fixeen,  achi gaggeeffamaa, fedhan haa awwaalan, fedhaan haa gugguban. kun hafnaan goflola haa ta'u waraabu na nyaatee, beela naan haa ba'u qaaman qaba jedhee, fayyina hin dharra'u. Koo, qoma koo,  nafa koo, foon koo  lafee koo, tiruu koo…  qamoo koo, qoomaa koo… duuchaatti abdii kutees  faxoorradhee hin taa’u. Boru guyyaa biraati,  maaltu raaga waan ta’u. Bara, 2013, Shagarab, Suudan Support the show
More Episodes
Support the show
Published 04/23/24
Published 04/23/24
Egeree OROMIYAA  Dr. Dagafaa waliin Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati. Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu...
Published 04/04/24