Sagantaa Hubannoo seeraa Xinxala Seeraa Galmee Yakkaa Abbaa Alangaatin Cufuu Ilaalchisee Qophaa'e Kuutaa 1ffaa
Listen now
Description
bu’uura Labsii lakk.214/2011, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf baheen aangoofi gahee hojii Mana Hojichaa gama qorannaa yakkaa gaggeessuu, qorannaa yakkaa hoogganuu fi Galmee qorannoo irratti bu’uura seeraatiin Murtii kennuun ifaan taa’ee jira . seera Deemsaa Falmii yakkaa biyya keenyaa jalatti gahee Abbaa Alangaa galmee qorannoo waliin walqabateee murtii kennuu akka danda’u .Akkasumaas JBAH dhimmoota yakka adda addaa irra deebiin qoratamee bahe jalattiis Gaheen abbaa Alangaa Galmee qorannaa yakkaa waliin walqabatee hojmaata ifa ta’een deeggaruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuun Labsicha hojiirra oolchuuf taa’ee jira. Gahee fi Aangoo Abbaa Alangaatiif seeraan kenname keessaa Galmee Yakkaa adeemsa qorannoo irra jiruu fi kan qorannoon isaa xumurame irratti murtii kennuun isa tokkoo dha. Galmeen qorannoo tokko mirga nama baayyee kan ofkeessatti hammatee dha . mirga nama yakkaan shakkamee, mirga miidhamaa dhuunfaa fi dantaa mootummaa ykn ummataa qabaachuu danda’a. kanaaf Xiyyeeffannaa guddaadhaan dhimma ilaalamuu qabu akka tahe hubachuun barbaachisaa dha. Akka qajeeltootti Namni Yakkaan miidhamee fi Ummatni bal’aan tilmaamni sirrii isaan qaban namni yakka raawwate seeraaf dhiyaatee haqni akka bahuudha.Tilmaani kunii fi mirgi miidhamaa sababa shakkamaan seeraaf dhiyaatee himatamee haqni hin mirkanoofneef wanta caljedhamee bira darbamuu miti. mirgootni kunii fi Tilmaamni kunneen akka garee hundaafu qixa ta’eetti madaalliin isaa eegamuu qaba.1 Barreeffama qorannoo gabaabaa kanaanis galmee qorannoo cufuu fi bu’aa galmee qorannoo cufuun qaamolee kanneen irratti qabu ,ilaalchisee seera sakatta’uun hanqina jiru kan ilaallu ta’a. websaayitii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa  --- Send in a voice message: https://anchor.fm/waagj/message
More Episodes
under hpel --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Published 08/17/23
Published 08/17/23
Irraa Haa Barannuu. -----⚖️==== godina jimmaa bulchinsa magaalaa jimmaa ganda mantinnaa iddoo addaa bufata xiyyaaraa abbaa jifaarittii mooraan isaa eggumsaaf jecha meshaa gatii qaalii taen nageenya xiyyaara qubatuufii balali'uf jecha akkasumas nagenya waa maraa dhabbatich kessattii argamuuf kan...
Published 05/20/23